Ikkooloojiin (jecha Giriik: οἶκος, "mana"; -λογία, "qorannoo") qorannoo walitti dhufeenya lubbu-qabeeyyii fi naannoo isaaniiti, kunis walitti dhufeenya lubbu-qabeeyyiin waliin wajjin qabanii fi fi naannoo isaanii wajjin qaban qorata. Xiinnaannoon damee mirkanbeekii yoo ta’u, mirkanbeekii namaa, ummataa, hawaasaa, sirna qeeyyaafi Lubbaqqaana(biosphere) dabalatee. Xiinnaannoon qo'annoo micirjirtiilee(organisms), naannoo fi akkaataa micirjirtiileen walii isaanii fi naannoo isaanii waliin walitti dhufeenya qabanidha. Sadarkaa adda addaatti kan qoratamu yoo ta’u, kanneen akka micirjirtii, ummataa, hawaasaa, Lubbaqqaanafi sirna qeeyyaa(sirnakkoo).Galmi inni guddaan ogeessoota xiinnaannoo tokkoo adeemsa jireenyaa, madaqsuu fi bidoolee, hariiroo fi lubdaneessummaa micirjirtootaa irratti hubannoo isaanii fooyyessuudha.

Gosoota Xiinnaannoo

Xiinnaannoo Addunyaaleessaa (Global Ecology)

Innis hariiroo sirna qeeyyaa dachee, qaama lafa, qilmarsaa fi garba gidduu jiru ilaala. Hariiroo bal’aa fi dhiibbaa isaan bakkaallee kana irratti qaban hubachuuf gargaara.

Xiinnaannoo Teessuma Lafaa (Landscape Ecology)

Innis waljijjiirraa anniisaa, meeshaalee, orgaanizimootaa fi oomishaalee biroo sirnakkoo naannoo ilaallata. Xiinnannoon teessuma lafa gahee dhiibbaan namaa caasaa fi dalagaalee lafa irratti qabu irratti ibsa kenna.

Xiinnaannoo Sirnaannoo (Ecosystem Ecology)

Qorannoon ruqoolee lubbuu qabaniifi hin qabnee fi hariiroo isaan naannoo wajjin qaban dabalatee guutummaa sirnaannoo ykn sirna qeeyyaa ilaala. Saayinsiin kun akkaataa sirni qeeyyaa itti hojjetan,hariiroo isaanii fi kkf qorata.